Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaan Lolaa Uummata Naannoo Somaalee Keessaa Rakkinaaf Saaxile


Naannoo Somaalee keessatti baatii tokko duraa qabee balaa lolaa uumameen uummanni utuu irraa hin dandammatin baatiin roobaa waan jalaqabameef jecha yaaddoo ka biroo itti uumuu isaa mootummaan naannoo Somaalee ibsee jira.

Miseensonni koree dhaabbataa kan nageenyaa fi hariiroo alaa mana maree bakka bu’oota uummataa fi naannoo Somaalee bakka bu’uun kanneen mana maree keessa jiran guyyoota kudhaniif naannoo sana keessa sosso’uun kanneen miidhaan irra ga’e daawwataniiru.

Miseensonni mana maree bakka bu’oota uummataa kun haalli daandii naannoo sana keessaa yaaddessaa dha kan jedhan yoo ta’u, yeroo gannaa kanneen miidhaan irra ga’eef gargaarsa dhiyeessuun gufuu ta’uu waan danda’uuf qaamni dhimmi ilaallatu hatattamaan akka dhaqqabuuf gaafataniiru jechuun Addis Chekkol gabaaseera.

XS
SM
MD
LG