Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaa Ol Anaan Sabaa Himaa Yunaayitid Staatis  Hoogganoota Dhaaba Isaanii Aangoo Irraa Kaasan


Kan haaraa filataman hoogganaa ol aanaan VOA hoogganoota dhaabolii caasaa sabaa himaa giddu galeessa bahaa, Radio Free Asia fi Radio Free Europe jedhamanii aangoo irraa kaasan.

Hoogganaan ol aanaan dhaaba sabaa himaa US Michael Pack kana kan beeksisan kaleessa galgala ture.

Asociated Press akka gabaasetti Pack namoota kana aangoo irraa waan kaasaniif sababa addaa hin dhiyeessine.

Angawoonni VOA gameeyyiin lamaan daayirktera VOA Amanda Benett fi itti aaantuu isaanii Sandy Sugawara Wixata darbe fedha ofiin aangoo gad dhiisan.

Koree hariiroo halaa irraa dimokraatichi gameesse senator Bob Menendez, tarkaanfii Pack qeequu dhaan kan isaan nama kana ramadaniif ergama dhaabbati sabaa himaa addunyaa kan US dhaabateef qooda seena qabeessa inni qabu mancaasuufi jedhan.

Hoogganoota caasaalee dhabotaa sabaa himaa kana hojii irraa kaasanii michuu siyaasaa prezidaant Traamp bakka buusuun akka inni deebi’ee hin dandammannetti seenaa ergama isaa balleessuu dha jedhan. “

Haleellaanboodanaa tattaaffii bulchiinsi Traamp waaltaalee US kanneen qajeelfama dimokraasii irratti hundaa’an ajendaa dhuunfaa prezidaantichaa akka leellisan gochuu dha jechuu dhaan Menendez ibsa kaleessa galgala kennaniin beeksisaniiru.

Kan caasaa sabaa himaa giddu galeessa bahaa hoogganaa turan Alberto Fernandez, akka jedhanitti caasaa kana waggoota sadiif hoogganuu isaanii akkasumas gaazexeessota oguma qaban kanneen US, Dubaay, Beeruutii fi bakka biroo waliin hojjechuu kootti nan boona jedhan.

Dhaabi USAGM rakkoo inni dhaggeeffattoota isaan oduu dhaqqabsiisuuf qabu illee tuqaniiru.

Kaleessa ganama Pack ergaa isaanii jalqabaa hojjettoota VOAf erganiin, dhaabbata mootummaa USn deggeramu ta’us gaazixeessummaa walabaa ta’uun qooda inni guutummaa addunyaatti qabu egama VOAn dhaabateef kan eegan ta’uu waadaa seenaniiru.

Qajeelfama VOA kabajuuf akkasumas walabummaan hojjechuu gaazixeessota keenya naannoo addunyaaf cichaan kan hojjetan ta’uu Pack ibsanii jiran.

Pack waggoota lama dura USGAM-n akka hooggananiif Prezidaant Doonaald Traampiin muudaman. Haa ta’u malee dimkraatonni guutummaan mormanis senetiin ripaablikaanotaan dhuunfatame turban lama dura waggoota sadiif dhaaba sabaa himaa kana akka hooggananiif raggaasisie.

Torbanneen dhiyoo dura Tramp VOAn ennaa weerara vaayiresii Koronaa Chaayinaa gabaase qeeqanii turan. Pack muudamuu isaanii gaafatamanii VOAn sirriitti hoogganamaa hin jiru,isaan sagalee Ameerikaa utuu hin ta’in faallaa sagalee Ameerikaa ti jechuun isaanii ni yaadatama.

XS
SM
MD
LG