Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mummichi Ministeeraa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahmad Hokkarri Gaggeeffame Fashaluu Ibsan


Televiziyoonni mootummaa Itiyoophiyaa akka gabaaseetti wal waraansa sivilootaa kakaasuuf yaaliin ture fashaluu isaa Dr. Abyyi kan dubbatan aangawoota gameeyyii kan sivilii fi waraanaaf ibsa kenaniin ture.

Televiziyoonni kun komishinara polisii Oromiyaa maqaa dhahuun akka gabaaseetti hokkkara uumamee kanaan polisoota 4 dabalatee yoo xiqqaate namnii 87 lubbuu ofii dhabanii jiran.

Dr. Abiyyi akka jedhanti galannii humnoota nageenyaaf haa ta'u malee kanneen hokkara kana kakaasan to'annaa jalaolanii jiru.

Hokkarri kun kan ka'e wellisaa beekamaa Haacaaluu Hundeessaa hidhattoota eenyummaan isaanii hin beekamneen eega ajjeefamee booda.

XS
SM
MD
LG