Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Mormiirratti Nami 13 ol Ajjeefameera; Humnootni Nageenyaas Namoota Hedduu Hidhaa Jiru’ Jiraattota Godinaalee Harargee Lameenii


Faayilii - Hiriira Mormii Oromiyaa, Guraandhala bara 2016
Faayilii - Hiriira Mormii Oromiyaa, Guraandhala bara 2016

Jiraattonni Godinaalee Harargee lameenii VOA’f dubbatan erga mormii kibxata darbee as lubbuun namoota hedduun akka darbe, hiriira mormii godinicha keessatti ta’een boodas haga harraa bakka adda addaatti namootni hedduun qaamolee nageenyaan to’annaa jela oolfamaa jiru jedhan. Jiraataan Magaalaa Harommaayaa takka haala jiru yoo ibsan harrallee Harommayaatti qonnaan bulaan tokko humnoota nageenyaan reeebamee ajjeefameera jedhu.

‘Mormiirratti Nami 13 ol Ajjeefameera; Humnootni Nageenyaas Namoota Hedduu Hidhaa Jiru’ Jiraattota Godinaalee Harargee Lameenii
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:00 0:00

Jiraataan kun harras magaalaa harammaayaa fi Harargee Bahaa bakka adda addaatti tarkaanfii fudhatamaa jira jedhaniin jiraattonni rakkoof saaxilamaniiru jechaan dabalanii dubbatu. Akka jiraataan kun dubbatanitti amma naannoo sanatti humnootni nageenyaa keessumaa dargaggootarratti kan xiyyeeffatan, guyyoota afran darbaniifis dukkawwan fi daldalli kaanis cufaa akka ta’an dubbatanii humnootni nageenyaa darara hedduu qaqqabsiisaa jiraachuu eerani.

Jiraattuun Magaalaa Dirre Dhawaa takkallee magaalattii keessatti mormii gaggeeffamerratti lubbuun namaa harkaa warra nageenyaatti darbuu himtee, namootni hedduunis amma hidhamaa jiraachuu dubbatti.

Jiraattuun magaalaa Dirre Dhawaa kun, ‘Dirre Dhawaa naannoo ganda 09tti nami takka akka ajjeefame, kaanis miidhaan irra gahuu hedduun ammoo hidhaatti guuraman’ jette. Harra magaalattii gara walakkeessaa keessi nageenya fooyya’aa akka qabu himtee, dhuma magaalaarra daandiin jiran garuu cufaa tahuu dubbatte.

Haaluma walfakkaatuun Godina Harargee lixaattis mormii keessa lubbuun namaa darbuu fi namootnis mormiin booda hidhamaa jiraachuu jiraattonni dubbatanii jiru. Ahmed kaalil jiraataa magaalaa Cirooti./

Ahmed akka jedhetti, mormii jidduu kanaatiin namootni 5 ol Harargee Lixaa keessatti humnoota nageenyaan ajjeefamuu kaanis hedduun hidhamaa jiraachuu dubbate.

Mormii kibxataa kaasee miidhaa Godina Harargee Lixaatti dhaqqabeen lubbuu namaa darbe jedhame Hospitaala Cirootti Meedikaal Diirekterii ka tahan Dookter Murteessaa Ahmed Xayyib namootni lubbuun darbe nama lama kaan ammoo ka miidhaan irra gahe galmeerraa qulqulleessaa jiraachuu VOA’f dubbatan.

Waan ajjeechaa fi tarkaanfii humnootni nageenyaa fudhataa jiru jedhame kana angawoota Godinaalee lameenii gaaffeen ture. Kantiibaan magaalaa Awwadaay Aadde Nahiimaa Muusaa magaala isaaniitti lubbuun namaa darbuun dhugaa tahuu dubbatu.

Obbo Ahmed Naji Abubakar Hoogganaa Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa Godina Harargee Bahaati rakkoo nageenyaan walqabatee miidhaa godinicha keessatti mudate qulqulleessaa akka jiran dubbatanii jiru.

Obbo Ahmed tarkaanfii humnootni nageenyaa fudhataniin miidhaa lubbuu namaarratti dhaqqabe gaafatamanii ammaaf akka godinaatti nama lubbuun darbe lakkoofsa isaa harkaa hin qabu, innis qoratamaa jiraachuu eeran.

Obbo Abdurrahmaan Abdallaa Bulchaa Godina Harargee Lixaati. Isaanis hiriira kana gubbaatti waa’ee lubbuu namaa godinicha keessatti darbe jedhame, kan humnoota nageenyaan to’annoo jela oolan jedhamanis lakkoofsaan kaa’uu irraa of qusatanii jiru. yoo dubbatanis ‘seera kabachiisaa jirra, odeeffannoo kaanis qindeessaa jirra’ jechaan VOA’tti dubbatan.

Jiraattonni yaada isaanii VOA’f kennan angawootni mootummaa sadarkaa gadiirra jiran furmaataaf mareen utuu ummata mariyachiisuun tasgabbeessuu qabanii humna bobbaasanii miidhaa geessisuun sirrii hin turre, jechuun komatu; angawootni deebii kennan garuu marees ta’e ittuma jirraa jedhu.

XS
SM
MD
LG