Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addi Bilisummaa Uummata Tigraay Mootummaan Federaalaa Namoota Seeraan Ala Hidhe Haa Hiiku Jechuun Gaafate


Addi bilisummaa uummata Tigraay har’a galgaa ibsa baaseen namoonni siyaasa Itiyoopiyaa hidhamaa jiru jechuun mormii dhiyeesse.

Paaritchi mootummaan federaalaa irra deddeebi’uu dhaan mootummaa Abiy ahimed jechuun kan waame si’a ta’u mootummaan projektii isaa abbaa irrummaaf gufuu ta’u jedhee kan amanu ukkaamsuu hiraarsuu fi hidhuu cimsee itti fufe jechuun himate.

Adeemsi kun hojii shororkaa ti jechuun kan himate ibsichi tarkaanfiin qabsoon karaa nagaa fi seeraa fi qabsoo siyaasaa guutummaan kan cufan jechuun himatee jira. Angawoonni isaa Finfinnee keessatti hidhamuu kan tuqe paartichi ka biroons ukkaamsamanii butamuu ibsee hojiin nama ukkaamsuu hadhaabatu kan jedhu paartiin kun miidiyaaleen cufamanii fi interneetiin akka banaman, namoonni siyaasaa seeraan ala hidhaman illee akka hiikaman gaafatee jira.

Biyyi akka hin diigamne oolchuuf waltajjiin biyyoolessaa hunda haammate akka qophaa’u illee gaafatee jira. Gama biran naannoo Tigraay keessatti filannoo geggeessuuf filannoo sana kanneen geggeessan hoogganoota komiishina filannoo filachuuf uummati bilbilaan sagalee kennaa ture. Akkuma kanaan maqaa namoota 750 simachuu isaanii dura taa’aan komiishina filannoo naannoo sanaa obbo Asefa G/silase beeksisaniiru. Kanneen keessaa namoota 10 filanii bulchaa naannootti kan dhiyeessan ta’uu isaanii fi uummatis sagalee kan itti kennu ta’uu dubbataniiru. Boordii filannoo biraa deebii argachuuf yaaliin godhe hin milkoofne jedha mulugeta Atsbehaa Meqelee irraa.

XS
SM
MD
LG