Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hospitaalonni Kutaa Filooridaa Sababaa COVID 19n Muddama Jala Jiraachuu Beeksisan


Hospitaalonni shan kaneen kutaa Flooridaa keessaa lakkoobsi namoota vaayiresii koronaan qabamanii waan heddummaataniif siren kutaa namooti akkaan dhibaman irra ciisan kan hin jirre ta’uun ibsamee jira.

Kutaa Flooridaa akka gabaasetti dilbata kaleessaa namoonni 12,000 haaraa vaayiresichaan yoo qabaman kunis guyyoota shan walitti aanuuf namoonni 10,000 ol COVID-19n qabamaniiru.

Naannoon Maayaamiin kanakkaan dha’ame yoo ta’u, hospitaalota 45 keessaa kan akkaan muddama jala jiran konyaa Mayaamii Dade keessa jiru.

Bulchaan magaalaa Mayaamii Firaansis Suwaareez Wixata har’aa qabee namoota utuu maaskii hin kaayyatin alatti argamani irra adaba cimaa kan kaa’an yoo ta’u balleessaa jalqabaaf $50.00 yoo irra deddeebi’an hanga $500n kan adabaman ta’uun beekamee jira.

Gama biraan bulchaan magaalaa Los Angeles Eriik Garseetti, ajaja manaa akka hin bane ittisuu dabarsuuf qarqara irra kan jiran ta’uu kaleessa beeksisaniiru.

Gaarseetiin, bulchiinsi Traamp dhukkuba kanatti duuluuf hanqina hooggana biyyoolessaa qaba jechuun balaaleffatan.

“Dhimmi COVID-19 wal ta’iinsa utuu barbaaduu dantaa siyaasaaf oole. Utuu gargaarsa argachuu qabnuu qofaatti dhiifamne,” jechuu dhaan dilbata kaleessaa CNNf ibsanii jiran.

“Kun ariifachiisaa akka ta’e beekna. Kun yeroo dhiyoo dhumata jechuun uummatatti himuu dhaabaa… yoo akka biyyaatti hooggana biyyoolessaa jalatti walitti hin dhufnu ta’e namoota itti dabalaa du’uu arguuf jirra jedhan.

Yunaayitid Isteetis Dilbata qofa namoonni 500 ol yoo duraa du’an kanneen haaraa vaayiresii koronaan qabaman namoota 63,000 galmeessitee jirti.

Awrooppaa keessaa namoonni miliyoona 3 ol ta’an COVID-19n yoo qabaman kanneen 200,000 ta’an immoo du’aniiru.

Vaayiresiin koronaa gamtaan Awrooppaa daddaaqama dinagdee hamaa kessa akka buutu gochaa kan jiru yoo ta’u akka hayyoonni dinagdee tilmaamanitti waggaa kana dinagdeen Awrooppaa dhibba irraa harka 8.3n gad bu’e.

XS
SM
MD
LG