Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaaytid Isteetes Itiyoophiyaaf Meeshaalee Dhukkubsattoota Koviid-19 Ittiin Gargaaran Kennite


Itiyoophiyaan dhukkuba Koviid-19 to'achuuf carraaqqii gootuuf kan ooluu meeshaa dhukkubsataan qilleensa akka argatuu gargaaru ykn Ventilator jedhamu 250 fi meeshaalee akkaan barbaachisan ka biraa argattee jirti.

Kanas prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Donaald Traamptu Mummicha Ministeeraa Abiyyi Ahmadiif ergee jechuun Finfinnee kan jiru Embaasiin Amerikaa beeksisee jira.

Itiyoophiyaan weerara dhukkuba Koviid-19 ittisuuf kan ishee gargaaruu Doolaara Miliyoona 71 Amerikaan kennuuf waadaa seente keessaa meeshaaleen kun qaama tokko ta'uun ibsameera.

Maalaqnii kunis kunuunsa kennamuu jajjabeessuuf,laboraatorii qorannaa jajjabeesuuf,qorannaa foyyeesuuf,lammiwwan biyyatti sababa weerara vaayrasii koronaan rakkatanii nyaataa fi waan biraa dhabaniif kan oolu ta'uun ibsameera jechuun Mallaskachoo Ammahaa gabaasee jira,

XS
SM
MD
LG