Xurree ittiin seenan

Breaking News

Poolisiin Oromiyaa Hidhamtoota Manni-murtii Gad-lakkisee Deebisee Hidha, Jedhu Maatii fi Abukaatoon  


Caaltuu Taakkalaa
Caaltuu Taakkalaa

“Manni murtii mirga wabiitiin gadi dhiisus, poolisiin Oromiyaa miseensota maatii keenya hiikuurra mana hidhaatti deebisee kaa’e,” jechuun himatu maatiilee hidhamtootaa keessaa.

Abukaatoon isaaniis rakkooleen akkanaa baaay’inaan kan gama poolisii Oromiyaa tii mul’atu tahuu dubbatu.
Miseensa Koree Hoji raa’achiistuu Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), Obbo Abdii Raggaasaa ji’oota shaniif eega hidhamanii booda akka mirgi wabii isaanii eegameefii hiikaman namoota manni-murtii ajajeef keessaa tokko yoo tahuu isaanii fi poolisiin garuu isaan hidhee kaa’uu obboleessi isaanii Obbo Gammachuu Raggaasaa VOAtti himanii jiran.
Hoogganaan biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa, Obbo Jibriil Mahaammad immoo poolisiin namoota deebisee hidhuun walabummaa mana murtii irratti dhiibbaa hin qabu jedhu.

Poolisiin Oromiyaa Hidhamtoota Manni-murtii Gad-lakkisee Deebisee Hidha, Jedhu Maatii fi Abukaatoon
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:52 0:00


XS
SM
MD
LG