Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoon Barnootaa COVID-19 Fide Dhaloota Balaaf Saaxiluu Mala Jedhame


Sababaa weerara vaayiressii koronaaf manneen barnoota cufamuuf dirqamuun balaa dhalootaa borii kan addunyaa dhaqqabsiisuu mala jechuu dhaan muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Guteres dubbataniiru.

Guteres kana kan dubbatan Kibxata har’aa gama viidiyoon duula haaraa “dhaloota keenya haa oolchinu” jedhu kan erga weerarri kun darbee booda barnoota cimsuu irratti fuuleffate labsanitti ture.

Hoogganaan jaarmiyicha addunyaa kun akka jedhanitti hanga walakkeessa baatii Adoolessatti ijoollee biliyoona tokkoo ol yoo xiqqaate biyyoota 160 irraa ta’antu barnoota sirnaa hin argatan. Ijoolleen yoo xiqqaae miliyoona 40 ta’an immoo barnoota ijoollummaatti kannemu dhabaniiru. Guteres akka jedhanitti ijoolleen qaamaa hir’uu ta’anii fi miseensonni hawaasa sabxiqqaalee akkasumas baqattoonnii kanneen balaa irraanfatamuu isaan mudate keessaa ti jedhan.

Weerara vaayiresii koronaa dura iyyuu ijoolleen addunyaa kanaa miliyoonni 250 mana barnootaa waan hin dhaqiniif rakkoon barnootaa duruu dhaqqabeera jedhan.

Amma immoo jedhan mummichi barreessan dandeettiin humna namaa badaa waan jiruuf kurna hedduuf fooyya’ina argame gad deebisee qixxummaan dhabamuu hammeessa jedhan.

Guteres akka jedhanitti weerarri kun akkuma to’annaa jala ooleen ijoollee mana barnootaatti eebisuun dursi kennamuufii qaba jedhan. Biyyoota galiin isaanii gad aanaa fi giddu galeessa ta’an kanneen sababaa weerara kanaan miidhaman keessatti barnoota irratti investii godhamuu qaba jedhaniiru.

Daayirikterri jarmayaa fayyaa addunyaa Dr. Teedroos Adaanoom kaleessa tuuta oduuf ibsa kennaniin talaalliin vaayiresii koronaa yaaliif sadarkaa dhumaa irra ennaa jiru kanatti biyyoonni martinuu faca’ina ittisuuf gargaaruuf tarsiimoo jiru mara fayyadamuu qabu jedhan.

Prezidaant Doonaald Tramp tuuta oduuf kaleessa ibsa kennaniin imaammati dinagdee cufataa taasisuun weerara vaayiresii koronaa dhaabsisuuf mala qabaamaa fuula dura itti tarkaanfatan miti jedhan.

Prezidaantichi itti dabaluu dhaan white housitti qindeessutyy gurmuu duula koronaa kan Yunaayitid Isteetis weerara sadarkaa haaraatti seent jechuun CNNf ibsan Dr. Debooraa Birx-n jechaan dha’an.

Tramp akka jedhanitti yaadi Birx kan bulchiinsichi akkaataa inni rakkoo furuf itti deemu qeeqan afaan yaa’ii mana maree Naansii Peloosii garaa ciibsuufi jedhan. Tramp twiiterii irratti barreessuu dhaan Birx gowwoomfamte jedhan.

Hayyuun dhimmootii dhukkuboot daarqiqaa Dr Antonii Faauchii ilaalcha Dr. Brix deggeranii jiran. Faauchiin akka jedhanitti Birx kan isaan jedhan faca’ina vaayiresii kan hawaasa keessaa ti, jechuun immoo vaayiresichi hawaasa keessa facaanaan bakka tokkotti qooda dhaabatu hatattamaan faca’a jechuu dha jedhan. Faca’inni hawaasa keessa ennaa jiraatu to’achuun hedduu rakkisaa dha jedhan Dr. Faauchiin.

XS
SM
MD
LG