Xurree ittiin seenan

Breaking News

Melaaniyaa Traamp Koolu GaltuuTa'uu Irraa Ka’anii Giifti Duree Ameerikaa Ta'an


Giifti dureen Yunaayitid Isteetis Melaaniyaa Traamp , waggoota 15 dura nama daldalaa kan ta’an Doonaald Trampitti utuu hin heerumin dura moodelii turan. Koolu galtuu lammii Sloveeniyaa kan ta’an giifti dureen kun yooo dhimmi irratti fuuleffatan kan dhimmi ijoollee deggeruu qabaatan malee yeroo hedduu uummatatti achii as hin ba’an.

Hiriyoota isanii ijoollummaa keessaa tokko kan ta’an Mirjaanaa Jelaankik akka jedhanitti isaan yaada qajeelaa qabu. Kitaabota dubbisuu jaalatu, huccuu illee dizaanii gochuu, huccuuwwan moofaa akka haaraatti hodhanii baasuu jaal’atu jedhan. Tarii jaalala isaan huccuu dizaanii gochuu jaal’atan kanatu booda irra moodelii ta’anii gara Yunaayitid Isteetis akka dhaqan daandii saaqeef jedhan. Melaaniyaan haadha warraa gaariif ilma isheef jaalala addaa kan qaban ta’uu isaanii abbaan warraa isaanii prezidaant Doonaald Tramp dhugaa ba’aniiruuf.

Melaaniyaa Traamp Koolu GaltuuTa'uu Irraa Ka’anii Giifti Duree Ameerikaa Ta'an
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:43 0:00



XS
SM
MD
LG