Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kutaaleen Yunaayitid Isteetis Shan Kaadhimamtoota Mana Maree Keessatti Bakka Isaan Bu’u Filatan


Kutaaleen Yunaayitid Isteetis shan filannoo kaadhimamaa paartii isaanii filachuu har’a geggeessaa jiran. Kanneen keessaa ijoon kutaa Kaansaas irraa barcuma senetii qabachuuf dorgommiin geggeeffamu tokko.

Kan gadamoojja’an ripaablikaanticha Seneter Paat Roobertsiin bakka bu’uuf walumaa gala kaadhimamtoota 11tu dorgomaa jiran.

Rooberts ofii isaanii miseensa mana maree Rooger Maarshaal kan hoogganoonni ripaablikaanotaa hedduun isaan deggeran akka bakka isaan bu’aniif raggaasisan. Ministriin dhimma alaa kan Kaansaas duraanii Kris Kobaach fi abbaan qabeenyaa kampanii ujummoo bishaanii Boob Hamilten dorgomtoota ijoo keessaa ti. Kobaachiin bara 2018 bulchaa Kaansaas ta’uuf dorgomanii itti hin milkaa’in hafan.

Filannoo barcuma senetii kan kutaa kaansaasiif kaadhimamaan Ripaablikaanii ta’e dorgomee kan inni itti hin milkaa’in hafe bara 1932 keessa. Namni har’a dorgommii kana injifate filannoo Sadaasa keessaaf dhiyaata, garuu garee dimokraatotaa iraa kaadhimamtuu kan ta’an Barbaraa Bolliyeer ripaablikaanota caalaa maallaqa kan walitti qaban yoo ta’u paartiin isaanii barcuma senetii irra jireessa deebisee argachuuf dhiibbaa gochaa jira.

Filannoo sadaasa keessaaf ripaablikaanonni barcuma paarlaamaa 53 dimokraatonni immoo 47 kan qaban yoo ta’u dimokraatonni mana maree bakka bu’ootaa dhuunfatanii jiran.

Filannoo prezidaantummaa Sadaasa 3 geggeessamutti kan injifate baatii Amajjii aangoo qabata.

XS
SM
MD
LG