Xurree ittiin seenan

Breaking News

Weerarri Dhukkuba Koviid-19 Itiyoophiyaa Keessatti Hammaataa Jira


Baatilee ammaan dura keessatti haala mul'atee hin beekneen weerarri kun dabalaa akka jiru kan ibsan Instituutii fayyaa uummataa biyyattiif daayreekteera kan ta'an Dr, Eebbaa Abaate turan.

Ministriin eegumsa fayyaa Itiyoophiyaa maatiwwan Miliyoona 17 dhaqqabuuf akkasumas namoota Kuma 200 irratti qorannaa gochuuf karoorri torban lamaaf gaggeeffame milka'aa ta'uun ibsameera.

Qorannaan marsaa lammataa baatii Hagayya gara dhumaa labsii yerooo hatattamaa siyaasaa fi dhimmootii hawaasummaa irratti hirkachuun kan gaggeffamu ta'uun ibsamee jira.

XS
SM
MD
LG