Bulchiisi naannoo Dirre Dhawaa, baala sammuu darreessu, kan ‘Kaanaabis’ jedhamu naannoo sanatti biqilchuu fi gurguruun akka rokkoo uumaa jiru dubbata.
Koomishinarri Koomishinii Poolsii Magaalaa Dirre-Dhawaa – Obbo Gammachuu Kaachaa VOAf ibsa kennaniin, “halkan dabre qofa, qarqabbii Kanaabis guguddaa afur qabne,” jechuu isaanii – Addis Chekkol Dirre-Dhawaa irraa gabaasee jira.