Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Benishaangul Bakka Haleellaan Raawwatamee Turetti Nageenyi Bakkatti Deebi’e Jedhu Angawoonni 


Namoonni qawwee hidhatan haleellaa raawwatanii siiviloota hedduu erga galaafatanii booda nageenyi aanaa Enbermaa keessaa bakkatti deebi’uu naannoon Beenishaangul Gumuz beeksisee jira.

Namoonni eenyummaan isaanii hin beekamne dhukaasa bananiin aanaa Wenbermaa keessatti lammiiwwan balleessaa hin qabaanne ajjeefamanii guyyaa xiqqoo booda torbee haleellaa ka biroon raawwatamuun kan dhaga’ame. Haleellaan inni boodanaa immoo aanaa Bulan keessatti raawwatame.

Halellaa kanaa lammiiwwan hangi tokko yoo ajjeefaman kaan immoo madaa’aniiru.

Itti gaafatamaan waajjira dhimmootii kominikeeshinii mootummaa naannoo Benishaangul Gumuz obbo Mellesee Beyyeenee, haleellaa sana humnootii farra nageenyaa fi shiftootatu raawwate jedhan jechuu dhaan Aster Misgaanaaw Baahir Daar irraa.

XS
SM
MD
LG