Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ambaasaadderoonnii Fi Diplomaatonni Itiyoopiyaa Leenjiif Biyya Deeman Hangi Tokko  Vaayrasii Koronaan Qabamuun Mirkanaa’e 


Faayilii - Ambaasaadderootaa fi Diplomaatonni Itiyoopiyaa Leenjiirra turan 
Faayilii - Ambaasaadderootaa fi Diplomaatonni Itiyoopiyaa Leenjiirra turan 

Biyyoota adda addaa keessa kan jiraatanii fi leenjii fi kanneen gara biyyaa deemanii turan ambaasaadderoonnii fi diplomaatonni hangi tokko vaayiresii koronaan qabamuu isaanii madden amanamoon ministrii dhimmi alaa Itiyooopiyaa VOAf mirkaneessaniiru.

Lakkoobsi ambaasaadderoota vaayiresiichaan qabamanii hagas jedhamuu kan hin dandeenye kan tuqan madden kun kan itti himame dhuunfaa dhuunfaan waan ta’eef walii gala isaa beeksisuun akka hin danda’amin ibsaniiru.

Lakkoobsi dursee tuqame garuu 12 ta’uu ibsaniiru. Ragaaleen hin mirkanoofne itti aansee ba’an immoo lakkoobsa kana 21n ga’anii jiran.

Haala isaa leenjiif wal ga’uu isaanii waliin wal qabsiisuun akka hin danda’amin madden ministrii haajaa alaa Itiyoopiyaa kun itti dabalanii ibsaniiru. Qaama hawaasaa isa kamiinuu irraa akkuma yaaliin qorannaaf geggeessamu ambaasaadderoota kana hangi tokko vaayiresichi keessatti argamee jira. Namota biyya alaa irraa dhufaniif qorannaan ennaa geggeessamus kan vaayiresichi irratti argame jiraachuun ibsamee jira.

Ambaasaadderoonni kun gara Itiyoopiyaa kan dhufan bakka bashannanaa magaalaa Bishooftuutti argamu Kurruuftuutti leenjii geggeessamu irratti hirmaachuuf jedha gabaasi Iskinder Frew Finfinee irraa erge.

XS
SM
MD
LG