Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ba’iin Filannoo Tigiraay Ifatti Labsame


Ba’iin filannoo Tigiraay ka xumuraa har’a dhiha irra ifatti labsamee jira.

Akka ba’ii filannoo kanaatti barcumoota filannoof dhihaatan 190 keessaa, paartiin Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay – jechuun EWEHAT, barcuma 189 injifachuu isaa, Komishiniin Filannoo naannichaa beeksisee jira.

Koomishinarri Koomishinicha Filannoo – Muluwarq Kidaane-maariyaam akka ibsanitti, Ewehaat, sagalee ol’aanaadhaan dorgommiidhaan barcumawwan 152 hundumaa injifatee, sagalee wal-madaalaa keessatti kanneen argaman barcumoota 38 keessaa immoo 37 injifate. Barcuma tokko hafe immo Paartii Baayitoonaa tu injifate. Seenaa Tigiraay keessatti Paartiin mormituu barcuma argachuun kun ka duraa ti. Filannoo sana irratti Paartiileen shanii fi namoonni dhuunfaa 4 kan hirmaatan yoo tahu, uummata miliyoona tokkoo fi kuma dhibba toorba tu yaa’ee sagalee kenne.

Ka bulchiisa naannoo Tigiraay keessa socho’u – paartiin siyaasaa “Saalsaay Wayyaanee Paartii,” jedhamu immoo , filannoo torban dabre naannoo Tigiraay keessatti geggeessame keessa gochaaleen sirnaa alaa hedduun raaw’atanii jiran, jechuun himatee jira - jechuun, Mulugeetaa Atsibahaa, Maqalee irraa gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG