Xurree ittiin seenan

Breaking News

Nootii Mallaaqa Haaraa Ka Itoophiyaa


Nootii maallaqa aaraa
Nootii maallaqa aaraa

Mootummaan Itiyoophiyaa har’a, nootiilee maallaqa biyyattii haaraa, bifa eeggannaa wayyaawaa fi mallattoolee addaa ka biroo of irraa qabuun baasuu isaa beeksisee jira.

Noottiilee yokaan waraqaaleen maallaqaa haaraa bahan kenneen, abbaa qarshii kudhanii, abbaa qarshii shantamaa fi abbaa qarshii dhibbaa ka bakka bu’an yoo tahu, noottiin maallaqaa haaraan qarshii dhibba lamaas akka bahu beeksisamee jira.

Eeggannaan maallaqaa yokaan mallattooleen akka maallaqni hin dogoggorfamne taasisan noottiilee maallaqaa keessatti tolfaman jijjiirraa noottiilee keessatti ijoo tahuu isaa dubbata – mootummaan. Noottillee maallaqaa haaraa bahan kana, muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa – Abiyyi Ahimad tu bakka gabaastonni midiyaalee hedduun jiranii fi qaamonni dhimmi isaa ilaallatu argamaniitti ifatti beeksise – jedha – Melleskaachew Ammahaa, Finfinnee irraa.

XS
SM
MD
LG