Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Danquuf Yaalan Jedha Bulchiinsii Naannoo Tigraay 


Waggaa haaraa Itiyoophiyaa 2013 simachuuf Magaalaa Maqalee sidaa wareegamtoota qabsoof ijaaramee biratti sirna gaggeeffame irratti abbootiin qabeenyaa paartilee filannoo irratti hirmaataniif badhaasa adda addaa kennanii jiru.

Itti aanaa bulchaan mootummaa bulchiinsa naannoo Tigraay Dr. Dabra tsiyoon Gabra Masqal baga waggaa haaraa geessan jedhanii jiru.

Hasawaa Afaan Tigree fi Afaan Amaaraan dubbatan kanaan filannoo Tigraayis ta'e hiree murteeffannoo irratti aangoo guutuu kan qabu uummata Tigraay ta'u ibsan.

Itti fufanis naannoo Tigraayti dhiyoo kan jiran uummanni bulchiinsa naannoo Amaaraa akkuma hubatan hidhattonnihoggana naanoo sanaa biraa deggersa qaban kaleeessa filannoo Tigraay danquuf yaalan jechuu isaanii oduu gabaasaan VOA maqalee jiru gabaasee Jira

Gama kaaniin Himata kana irratti deebii mootummaa bulchiinsa naannoo Amaaraa argachuuf yaaliin goote akka hin milkoofne kan gabaastee oduu gabaatuun VOA Asteer Misgaanaaw jiraattonni naannoo Walqaayit fi Xagadee garu guyyaa jala bultii filannoo sana humna addaa kan Tigraaytu dhukaasa nu irratti banee jechuu isaanii gabaastee jirti.

XS
SM
MD
LG