Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaan Lolaa Bishaanii Sudaan Keesssaa Namoota 100 Ol Galaafate 


Angawoonni Sudaan balaan lolaa biyyattii mudate namoota dhibbaa ol ta’an ajjeesuu dhaan kanneen kurna kumaan laka’aman mana jireenyaan ala erga godhee booda labsii yeroo hatattamaa baatii sadii labsanii jiran.

Lolaan bishaanii kunis hambaa seenaa Meroe Pyramid jedhamuu fi UNESCO dhan galmeeffameef illee balaa ta’ee jira.

Akka gabaasa Naba Mohiedeen Kartuum irraa ergametti, lagi Nile waggoota dhibbaa ol keessatti akka malee guutee jira. Yoo xiqqaate namoonni 103 yoo liqimfaman, manneen diigamanii lolaa kana irraan kan ka’e daandii irratti balaan mudatee jira. Yeroo ammaa maatiiwwan Sudaan kumaan laka’aman ala ciisanii qubsumaa, gargaarsa midhaan nyaataa fi dawaa eeggataa jiran.

Balaan Lolaa Bishaanii Sudaan Keesssaa Namoota 100 Ol Galaafate
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:01 0:00


XS
SM
MD
LG