Xurree ittiin seenan

Breaking News

 Yunaayitid Isteetis Barattoota Chaayinaa 1,000 Ta’an Viisaa Isaanii Duraa Haqxe  


(Suuraa faaylilii)
(Suuraa faaylilii)

Yunaayitid Isteetis sababaa viizaan barattoota lammii Chaayinaa 1,000 ol ta’anii haqameef waraana Chaayinaa waliin hidhata qaba waan jedhameef nageenya ameerikaaf balaa jette.

Ministriin dantaa alaa kaleessa ibsa baaseen akka jedhanitti haqamuun viisaa kanaa kan ajajame akka seera Caamsaa 29 prezidaant Doonaald Traampiin mallatteeffameettti.

Seerri sunis kan fuuleffate barattoota kana dura koollejii fi Yuniversitii Chaayinaa keessaa barataa turaniif waaana bilisummaa uummataa jedhamuttii hidhata qaban irratti. Bulchiinsi Tramp, barattoonni Chaayinaa gara Yunaayitid Isteetis dhufanii qabeenyaa qaroominaa saamuu dhaan dinagdee fi waaltaa waraana Chaayinaa cimsu jehee jira.

Dubbi himtuun ministrii dhimma alaa akka jedhanitti barattoonni kuma tokkoo fi qorattoonni kanneen viisaan isaanii Waxabajjii 1 qabee duraa haqame barattoota lammiiwwan Chaayinaa 360,000 kanneen Yunaayitid Isteetis keessaa baratan walin ennaa ilaalamu xiqqoo dha.

Barattoota ka sirnaa ta’anii fi hayyoota kanneen kaayyoo ol aantummaa waraanaa paartii koministii Chaayinaa fiixaan baasuuf hin taaneee amma iyyuu simachuu itti fufna jedhan dubbi himtuun kun.

Chaayinaan kamisa har’aa dhiibbaa siyaasaa fi loogii sanyii oofa jechuun Washingteniin qeeqxee jirti.

XS
SM
MD
LG