Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Tigraay Eenyuutu Injifate ?


Bulchiinsa mootummaa naannoo Tigraay keessatti Robii dabree filannoo gaggeeffameen ba'ii sagalee ka duraa komishinni filannoo baasee jira.

Paartiin biyyatti bulchaa jiru Adda Bilisummaa UummataTigraay (TPLF)caalmaa sagaleen injifachuu komishinni filannoo beeksisee jira.

Itti aansuun sagalee sadarkaa lammtaa kan argate paartii Baaytonaa, sadaffaan paartii bilisummaa Tigraay 4ffaan paartii saalsaay wayyaanee fi shanaffaan paartii Assimbaa ta'uun ibsamee jira.

Paartiin Adda Bilisummaa UummataTigraay (TPLF) barcuuma 152 kan injiifatee yoo ta'u barcuumnii hafee 38 paartilee isaan kaantu qoddata jedhamee jira.

XS
SM
MD
LG