Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartileen Siyaasaa Oromoo fi Amaaraa Gurma'an 10 Ibsa Ejjeennoo Walii Mallatteessanii Jiru


Paartileen kun walii galtee irra ga'an ibsuuf tuuta oduuf barreeffama baasan raabsan irratti paartileen gam lameenii walitti dhufeenya uummata Oromoo fi Amaaraa akkasumas dhimma walii irratti baatilee 10f irra deddebi'uun marii gaggeessaa akka turan ibsan,

Mariin hundumaa hirmaachise biyyatti keessatti itti fufiinsaan gaggeeffamuuf akkasumas dhaabbatti waa'ee sabaa fi sablamootaa qoratuu akka hundeeffamu walii galuu isaanii ibsan.

Shakkii, addaan qodamiinsa, wal mormii,wal dhiibuu, maqaa wal balleessuu akkasumas gocha saba walitti buusuuu fi walitti hammeessu irraa of qusachuu qabna jedhan.

Heera biyyi ittiin bultuu haala hundumaa hirmaachiseen akk foyya'uu, lakkoofsii hedduumiina uummataa haala amansisaa ta'een akka gaggeefamu kana malees namoonnii seeraan ala qe'e ofii irraa godaana akka deebifaman gaafatee jira.

Jaarmayoonni kun kurnana keessaa kan uummata Amaaraa, Abiin,paartii guutummaa Amaaraa, Jaarmayaa Amaaraa Natsbraaq, jaarmayaa guutuu uummata Amaaraa,Jaaarmayaa Amaaraa kan tokkummaa Itiyoophiyaa, fi Sochii humna DemokraaatawaaAmaaraa ti.

Gama uummata Oromoo irraa ABO, kongreesii Federaala Oromoo, waltaatoota ABO, fi paartii walabummaa Amaaraa Ta'uun beekameera jechuun Mallaskachew Amha Gabaaseera.

XS
SM
MD
LG