Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miseensa Mana Murtii Ol Aanaa Ameerikaaf Kaadhimamaa Dhiyeessuun Falmisiisaa Ta’e


Prezidaanti Doonaald Traamp haada murtii Eemii Koonii Barret kaadhimamtuu mana murtii ol aanaa gochuun dhiyeessan
Prezidaanti Doonaald Traamp haada murtii Eemii Koonii Barret kaadhimamtuu mana murtii ol aanaa gochuun dhiyeessan

Filannoo Prezidaantummaa kan Yunaayitid Isteetisiif guyyooni 36 qofti hafee ennaa jiru kanatti prezidaanti Doonaald Traamp haada murtii Eemii Koonii Barret kaadhimamtuu mana murtii ol aanaa gochuun dhiyeessuun falmii kaasisee jira. Kaadhimamaa prezidaantummaa kan paartii dimokraatotaa kan ta’an Joo Baayiden seneteroonni ripaablikaanotaa filannoo Sadaasa 3 dura kaadhimamtuu kana akka hin raggaasisne fi uummati sagalee Kennu yaada akka dhiyeessu kan gaafatan yoo ta’u yaada isaanii kanas hoogganoonni ripaablikaanotaa ijoon fudhatama dhabsiisan.

Tobran kana haadha seeraa kan ta’an Amy Coney Baretti mirkaneeffamuu isaaniif dhuga ba’umsi taayitaai umurii guutuu kan mana murtii ol aanaa ta’uu isaanii hin dhagaa’amin dura hoogganoota Seneteroota Yunaayitid Isteetis waliin wal arguuf jiru.

Ripaablikaanonni irra hedduun Baretti akka filataman sagaleen akka kennamu kan fedhan yoo ta’u prezidaant Doonaald Tramp immoo yoo ba’iin filannoo

prezidaantummaa Sadaasa 3 falmisisaa ta’e murteessuuf miseensonni mana murtii ol aanaa salganuu guutu ta’uun barbaachisaa jedhan.

XS
SM
MD
LG