Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa Filannoon Dhufu Walabaa fi Madaalawaa Taha, Jedha


Filannoon dhufu walabaa fi madaalawaa taha, jechuun Waajira Muummicha-ministaraa Itiyoophiyaatti, itti-gaafatamtuun Preesii – Billeenee Siyyum kaleessa beeksisanii jiran.
Filannoon dhufu walabaa fi madaalawaa taha, jechuun Waajira Muummicha-ministaraa Itiyoophiyaatti, itti-gaafatamtuun Preesii – Billeenee Siyyum kaleessa beeksisanii jiran.

Deemsi filannoo walaba taasisuu fi ol’aantummaa seeraa kabajchiisuu wal-makuu akka hin qabnellee dubbatan. Kan ibsa waajira muummicha-ministaraa irratti waliin argaman Abbaan Alangaa Federaalaa Muummichi immoo “Biyyattii keessatti jumlaan namoota hidhuun hin raaw’atamne,” jedhanii jiran.

Gabaasaa guutuu caqasaa.

Mootummaan Itiyoophiyaa Filannoon Dhufu Walabaa fi Madaalawaa Taha, Jedha
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:02 0:00

Waa’ee Manni-maree Akka Filannoon Geggeessamu Murteesse Irratti Namoonni Yaada Adda Addaa Qaban

Manni maree bakka bu'oota ummataa filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaan bara 2013tti akka geggeeffamu murtessuun sirriidha, jedhu jiraattoonni Finfinnee tokko tokko. Gama biraatiin ammoo bakka gaggesessitoonni paartilee siyaasaa ka morkattootaa mana hidhaa jiranitti filannoon gaggeefamuuf murtaa'uun sirrii miti kanneen jedhanis ni jiran.

Filannoon sababa vaayirasii kooronaaf akka darbu taasifame amma yeroo tatamsa'inni vaayirasichaa dachaan dabalaa jirutti murteen kun darbuun sirri miti marii hawaasaa barbaachisa, jedhu kaan immoo.

Caqasaa

Waa’ee Manni-maree Akka Filannoon Geggeessamu Murteesse Irratti Namoonni Yaada Adda Addaa Qaban
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:08 0:00


XS
SM
MD
LG