Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qaamoonni Jeequuf Karoorfatan Jiru: Polisii Federaalaa


Ayyaana Masqalaa kan baranaa jeequuf qaamonni karoorfatan akka jiran ragaa qabna jechuun komishinarri polisii Federaalaa kan Itiyoophiyaa Indashaaw Xaaseew beeksisanii jiru.

Qaama inni kam kana gochuuf akka karoorfatee garu ifa hin goonee.Tarkaanfii of-eeggannoo fudhatameen daandilee gara magaalaa Finfinnee seensiisan shanan irratti humnoota nageenyaa bobbaafamuu ibsan.

Uummata uummata irratti akkasumas uummata mootummaa fi humnootii nageenyaa irratti kakaasuuf kanneen yaalan biyya alaa fi keessaa Fulbaana25 booda jechuun

odeessaa jiran gocha kana irraa akka of qusatan gaafatan.

Uummannis dammaqinsaan haala nannoo isaa jiru akka hordofuuf gaafatamee jira.

Ayyaannii Masqalaa guutummaa Itiyoophiyaa keessatti Sambata borii Fulbaana 26 bara 2020 kabajama

XS
SM
MD
LG