Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Sirnaa Filannoo Geggeessu Hin Jiru: Mootummaan Naannoo Tigraay 


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Haalli Jiru Adeemsa Seeraan Raawwatame: Manne Maree Bakka Bu’otaa 

Manni maree bakka bu’oota wal ga’ii hatattamaa arfaffaa kan bara hojii waggaa shanaffaa geggeesseen filannoon biyyoolessaa ja’affaan akka geggeessamu murtin dabarse jarmayaan fayyaa addunyaa fi ministriin eegumsa fayyaa qajeelfama kaa’aniin koronaa ittisuu dhaan filannoo geggeessuun akka danda’amu murtii darbe raggaasisee jira.

Mootummaan Sirnaa Filannoo Geggeessu Hin Jiru: Mootummaan Naannoo Tigraay
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:40 0:00

Dhimmi filannoo ilaalchisuu dhaan ejjennoo mootummaa naannoo Tigraay VOAf ibsa kan kennan itti gaafatamtuu waajjira kominikeeshinii naannoos sanaa aadde Liyaa Kaasaa murtiin sun sirrii miti jechuun mormaniiru.

Filannoon sun geggeessamuun kan irra ture mootummaan filatame waggaa shan utuu hin guutini, haa ta’u malee hiika heeeraa jechuu dhaan, Filannoon sun dursee akka dheeratu ta’e jedhan.

Kanaaf jecha mootummaan naannoo Tigraay seera qabeessummaa mootummaa ofii itti fufsiisuufi kan filannoo geggeesse jedhan. Amma filannoo geggeessuuf kan murtaa’eef filannoon naannoo Tigraay milkaa’inaan waan xumurameef akkasumas naannolee biyyattii garaagaraa keessatti uummati mootummaa irraan dhiibbaa waan geessiseef malee ol aantummaa uummataaf kabajaa kennuuf miti jedhan.

Afaan yaa’iin mana maree bakka bu’oota uummataa obbo Taaggesee Caafoo yaadi ministrii eegumsa fayyaan dhiyaate of eeggannoo koronaa ittisuu gochuu dhaan sochii hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa geggeessuu dandeenya ka jedhu ta’uu VOAf ibsanii jiran. Yaada gorsaa kanas manni maree erga dhaggeeffatee booda murtii kennee jira jedhan.

Mootummaan naannoo Tigraay murtii kana simachuu dhabuu isaa ilaalchisee obbo Taaggeseen ennaa dubbatan mana maree federeeshiniitiin yeroon aangoo kan dheereffameef waaltaalee heerri deggru kan sirnaa biyya qabdu biyyi kun jedhan.

Mootummaan Sirnaa Filannoo Geggeessu Hin Jiru: Mootummaan Naannoo Tigraay
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:40 0:00


XS
SM
MD
LG