Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaa Keessatti Ummanni Dhukkuba Koviid-19 Ija Siyaasaan Ilaaluun Rakkoo Ta'eera: Biroo Fayyaa


Faayilii -Tamsa'ina vaayrasii koronaa ittusuuf bakka harka dhiqannaa magaala Amboo keessatti dargaggootan qophaahe, Oromiyaa
Faayilii -Tamsa'ina vaayrasii koronaa ittusuuf bakka harka dhiqannaa magaala Amboo keessatti dargaggootan qophaahe, Oromiyaa

Qorannaa fi barsiisii waa'ee vaayrasii Koronaa dhiiyenya kana bifa duulaan guutummaa Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamee ture.Oromiyaa keessattis duula gaggeeffamee kanaan namoonni 115,000 qoratamanii kanneen keessaa 6000 vaayrasii Koronaa akka qaban hubatamuu biroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatti, daayreekteera barnoota fayyaa fi Komunikeshinii kan ta'an Sistar(Nurse) Sa'adaa Ahmad ibsanii jiru.

Guutuummaa biyyatti keessatti uummanni waa'ee vaayrasii Koronaa kanaa ilaalacha ga'aa itti kennuu dhiisuun faca'iinsa vaayrasichaaf sababaa ta'u kan ibsan sistar Sa'adaan keessumaa Oromiyaa keessatti waa'ee weerara vaayrasii koronaa kana siyaasa jedhanii fudhachuun rakkoo guddaa ta'u ibsan.

Oromiyaa keessa waan dhukkuba Koviid-19 jedhamu hin jiru kanneen jedhan beekaa siyaasaaf kan odeeffamu jedhanii waan amananiif jecha barnoota of-eeggannoo dhukkubichaa kennamuu fudhatanii hojii irra oolchuu irratti rakkoon jira jedhu.

Manneen barnootaa banamuuf yeroo jiran kanatti of-eeggannoo barbaachisu irratti qophiin gaggeeffamaa akka jiru, sana bira darbee garu weerarri dhukkuba Koviid-19 kan hammaataa deemu yoo ta'e mootummaan ejjennaa isaa kana keessa deebi'ee kan ilaalu ta'u qaba jedhu Sistar Sa'adaa Ahmad.

Gabaasa guutuu caqasaa

Oromiyaa Keessatti Ummanni Dhukkuba Koviid-19 Ija Siyaasaan Ilaaluun Rakkoo Ta'eera: Biroo Fayyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:45 0:00


XS
SM
MD
LG