Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Kuma 20 Caalaan Godaansaaf Dirqaman


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Bulchiinsa naannoo Amaaraa godinaalee 5, aanaawwan 18 fi gandeen 41 keessaatti balaa lolaan bishaanii dhaqabsiiseen namnii kuma 22 ol manaa fi qe'e gadhisee godaanuun beeekamee jira.

Keesssumaa Gondar Kibbaa aanaa Fogaraa, Liboo, Kamkam fi Darraa keessatti akkasumas Godiina Gondar gidduu galeessaa aanaa Dambiyaa keessatti haroon Xaanaa guutee namoonni lakkofsaan guddaatu godaane.

Naannoo magaalaa Baahir Daar, Dabra Maariyaam jedhamu irraa haroo xaanaa baqachuun namoonni dheessanii jiru.

Balaan akkasii kan baratamee ta'uus inni baranaa hamaa dha jedhu jiraattonni.

XS
SM
MD
LG