Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbaan Murtii Yunaayitid Isteetis Uggura Mootumaan TikTok Irra Kaa’e Hambisan


Abbaan murtii federaalaa Yunaayitid Isteetis tokko app viidiyoo Tiktok jedhamu kan bulchiinsi Tramp akka ugguramu ajaje yeroo dhaaf dhaabsisanii jiran.

Uggurri sun dilbata halkanii qabee qajeelfama daldala ameerikaatiin hojii irra ooluun kan irra ture yoo ta’u angawoota bulchiinsichaan irratti fuuleffatame, kampaniin chaayinaa sun nageenyaaf yaaddoo dha kan jedhuun ture.

Abbaan seeraa sunis abukaatolee TikTok fi kan bulchiinsa Trampiif hanga roobii dhuftuutti dhimma kana irratti adeemsa itti aanuuf dhimma isaanii akka dhiyeessan beellama kennaniiru.

Abukaatoleen TikTok yakka ilaalcha kaleessaa irratti app kana ugguruun mirga yaada ofii walabaan ibsachu kan cabsu yoo ta’u kampanicha irraanis miidhaa guddaa geesisa jedhan. Kampanichis murtii abbaa seeraa sana simachuun ibsa baaseen nuti dantaa fi mirga hawaasa keenyaaf kan hojjettoota keenyaa eegsisuu itti fufna jedhee jira.

XS
SM
MD
LG