Xurree ittiin seenan

Breaking News

Intaloota Angawaa Maalaawiitti Namni Dhukaase Mana Murtii Yunaayitid Isteetisitti Dhiyaachuuf Jira


Namni intaloota durbaa lama kan itti aanaa ministeera ittisaa Maalaawwii itti dhukaase har’a mana murtii Ameerikaatti dhiyaachuuf jira.

Poolisoonni, Kibba Beend , indiyaanaa keessatti kan umuriin waggaa 37 Kalekenii Linde’iree jimaata darbe to’annaa jala kan oolchan erga Nooriyaa Mtambaliikaa fi Mundi Gloorii Seenez konkolaataa magaalaa Mishawakaa keessatti itti dhukaafamee arganii booda. Mitambalikaan booda irra Hospitaala keessatti du’aan boqotte.

Abbootiin alangaa Linderiin yakka ajjeechaa, yaalii ajjeechaa, humnaan gudeeddii fi ukkaamsanii butuutiin himatanii jiran. Himannaan inni boodaa dhukaasa sanattii hidhata qabaachuu fi dhiisuun waan beekame hin jiru.

Embasiin Yunaayitid Isteetis kan Liloongwee keessaa ibsa har’a baaseen, oduu suukaneessaa kan dhukaasa sanaatti hedduu gadduu isaa beeksisee jira.

Yaadawwan Ilaali (1)

XS
SM
MD
LG