Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komiishinni Filannoo Ameerikaa Falmiin Dorgommii Prezidaantummaaf  Geggeessamu Bifa Haaraa Qabachuu Qaba Jedha 


Komiishinni falmii prezidaantummaa, prezidaant Doonaald Trampii fi mormituun isaanii dimokraatichi Joo Baayden seenaa siyaasa Ameerikaa keessatti falmii gaarii hin taane kibxata darbe erga geggeessanii booda haala itti falmiin sun geggeessamuu daran cimaa akka ta’u kan fedhu ta’uu beeksise.

Kaadhimamtoonni lamaan irra deddeebi’uun haasaa walii addaan kutaa fi wal faana dubbataa kan turaniif kan falmii sana keessummeessaa ture gaazexeesaan caasaa oduu Fox News jedhamuu Kiris Waalas kaadhimamtoonni lamaan rakkoo male deebii akka kennan seera eeyamu waan hin hordofiniif Trampiin ifate.

Komiishini falmii sana kan qindeessu akka beeksisetti falmiinYuniversitii magaalaa walakkeessa gama dhiyaa Kiliivlaand Ohiotti geggeessame kan kibxata darbee erga jeeqamee booda bifa falmii Sanaa jijjiiruuf caasaan itti dabalaa akka barbaachisu ibsee jira. Komiishinichi Onkoloolessa 15 Trampii fi Baayiden gidduutti geggeessamu ga’uu isaa uggura haaraa kan kaa’u ta’uu beeksisee jira. Qeeqxonni falmii duraa hordofan hangi tokko akka jedhanitti kaadhimamaan inni tokko ennaa dubbate maayikii isa kaanii akka cufamu yaada dhiyeessan

Tramp roobii galgala kutaa Minnesota buufata xayyaara Duluuth jedhamutti wal ga’ii siaasaa geggeessaniin falmii sana injifachuu isaanii beeksisanii, kibxata galgala nama lama waliinan falmaa ture jechuun gaazixeessaa falmii sana keessummeesse Walasii fi Joo Baayideniin qeeqan. Prezidaantichi akka jedhanitti mormituun isaanii tarii falmii gara fuula duraatti geggeessamu irratti hin argamu ta’a. falmii sana irraa akka hafu hubataan jira. Waan ta’uuf jiru ni argina. Kun isaaf tarkaanfii gaarii miti jedhan.

Kaadhimamaan prezidaantummaa kan paartii dimokraatotaa tuuta oduu kutaa falmisiisaa taate OHIO keessatti ibsa kennaniin Tramp waliin deebisee falmuuf qophee dha jedhan.

Baayiden falmii sana ennaa xiinxalan, waan afaan prezidaant Tramp keessaa ba’e hedduu dhageessaniittu. Jireenya keessan dhugumatti waan fooyyessa jettan tokko himuu dandeessuu? jedhan

Kan aariin guutaman Baayiden Trampiin afaan qabi jechuun prezidaantichatti dubbachuun illee qeeqa dhaqqabsiisee jira. Sanyiin falmii kibxata geggeessamee sirriitti dimokraasii kan miidhu dha jechuu dhaan Yuniversity Texas A&M jedhamutti profeesera kan ta’an Jenifer Mersiikaa VOAf ibsuu dhaan haala hoogganoonni diyaasaa walitti dubbataniin dimokraasiin keenya balaaf saaxilamuu argina jedhan.

XS
SM
MD
LG