Xurree ittiin seenan

Breaking News

Fulbaana 25 Booda Mootummaan Hin Jiru kan jedhe Heera Biyyaati: Mootummaa Naannoo Tigraay 

(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Gaaffii eenyummaaf deebii kan hin kennine naannoon Tigraay Fulbaana 30 booda mootummaan sirnaa hin jiru jechuun ejjennoon qabate uummata Raayyaa, Wejiraatii fi Walqaayit Xagadee hin ilaallatu jechuu dhaan itti aanaa dura taa’aan paartii dimokraasummaa Raayyaa Raayummaa obbo Amaaree Guben dubbatanii, naannoo sana keessatti ammas haleellaan raawwatamuu mala waan ta’eef mootummaan federaalaa eegumsa akka godhu gaafataniiru.

Filannoo seeraan alaa geggeessanii mootummaa seeraan ala himachuun illee fudhatama hin qabu jedhan. Kanneen biroon yaada kennanis biyya ol aantummaa qabdu tokko jalatti naannoon bulu jiraachuu mootummaa biyya tokkoo murteessuuf aangoo hin qabu jedhu.
Ennumaa iyyuu uummati naannoo Sanaa uummata Itiyoopiyaa fi uummattoota hollaa jiran kanneen biroo waliin shakkii fi jibbiinsaan akka wal ilaalan taasise jedhu kanneen yaada kennan kun. Naannoon sun amma iyyuu yaaddoo nageenyaa keessa akka jiru illee dubbatanii jiran.

Dhimmi kana ilaalchisuun naannoo Tigraay irraa deebii kan kennan itti aanaa itti gaafatamaan waajjira kominikeeshinii mootummaa naannoo tigraay obbo Haaddush Kaaduu, heerri biyyaa waggaa shan shaniin filannoon akka geggeessamu ajaja, kanaaf Fulbaana 25booda mootummaan sirnaa hin jiru kan jedhe heera biyyaa ti jedhan. Kanaafis yaaddoo kan qabaatu qaama seeraan alaa ti malee, tigraay keessa kan jiraatu gosa isa kam irraa iyyuu nagaan jiraataa jira,itti fufees nagaa dhaan jiraata jedhan.

Obbo Haddus akka jedhanitti uummati sabaa sab lammootaa Maqale keessas bakka qonnaas gandeen adda addaa keessa jiru waan ta’eef yaaddoon hin jiru. Kan yaaddoo keessa jiru, seeraan ala qaama aangoo qabatee jiru seeraan ala mootummaan itti fufsiisa jedhe jedhan.

Yaaddoo waan qabaateef jecha kan inni takka taankii guuree, meeshaa waraanaa gad yaasee kan loltoota hiriisuuf jechuun deebii kennaniiru.

XS
SM
MD
LG