Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Erga COVID-19n Qabamuu Baranii Booda Qofaatti Of Baafne Jedhan 


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Filannoon prezidaantummaa Ameerikaa geggeessamuuf baatiin tokko hafee ennaa jiru kanatti Doonaald Tramp isaanii fi giifti duree Melaaniyaa Tramp vaayiresii koronaan qabamuu hara’a ganama barii twiterii isaanii irratti maxxansanii qofaatti of baasuu isaanii beeksisan.

Itti aanaa prezidaant Maayik Peens ergaa tweeterii maxxansanifi anii fi Karen jaalalaa fi kadhannaa keenyaan michuu keenya prezidaant Traampii fi Melaaniyaa cina jirra jedhan. Lammiiwwan Ameerikaa miliyoonaan laka’amu illee dafanii akka fayyaniif Waaqa ni kadhataaf jedhan. Har’a ganama itti aanaa prezidaant Peensii fi itti aantuu giifti dureen qoratamanii COVID-19 irraa walaba ta’anii jiran.

Ministriin haajaa alaa Maayik Pompeyoo gaazixeessota isaan waliin gara Kiro’eeshiyaatti imalaniif ennaa himan, miira gaariin kan isaanitti dhaga’amu, COVID-19 akka hin qabaatin mirkaneessanii yeroo yeroo dhaan kan qorataman ta’uu ibsanii jiru.

Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Guters prezidaant Trampii fi giifti duree Melaaniyaan guutummaan dafanii akka fayan hawwii qaban ibsaniifii jiru.

Dimokraatich miseensi mana maree kutaa Texas Joaquin Castro yaaddoo qaban ibsanii, ergaa twiiter irratti maxxansaniin dhimmi isaa dhimmi fayyummaa dhuunfaa prezidaantii qofaa utuu hin ta’in, dhimmi nageenya biyyoolessaa ti, vaayiresiin kun ji’a ja’a keessatti lubbuu lammiiwwan Ameerikaa kuma 200 ol galaafate jedhan.

Dura taa’aan gumii olaanaa kan araara biyyoolessaa Afgaanistan Abdullaa Abdullaah prezidaant Trampiif giifti dureen dafanii akka wayyaawan hawwanii jiran. Uummanni Ameerikaa weerara kana injifannoon akka irra aananiif illee hawwii qaban ibsaniiru.

Prezidaant Trampiif Haati Warraa Haala Gaarii Irra Jiraachuu Doktorri Isaanii Beeksisan

Prezidaant Tramp jimaata har’aa ganama tweeter irratti barreessuu dhaan anii fi giifti dueen qoratamnee COVID-19 nu keessatti argame erga jedhanii daqiiqaawwan kudha tokko booda White House ibsa kenneen Doktorri prezidaantii maanguddoo waggaa 74 Dr Shean Conley Tramp koronaan qabamuu isaanii mirkaneessan jedhe.

Prezidaantii fi giifti dureen lamaanuu haala gaarii irra jiru. Yeroo kanattis White House keessa turuuf karoorsuu isaanii Conley-n beeksisaniiru.

Itti dabaluu dhaanis prezidaantiin ennaa wayyaawaa jiranitti hojii isaanii utuu adda hin kutin ni hojjetu. Foya’ina argames isinan beeksisa jedhan.

Melaaniyaa Tramp booda irra tweeter irratti barreessuu dhaan, akkuma lammiiwwan Ameerikaa hedduun godhan, erga COVID-19 nu keessatti argamee booda prezidantii fi ani mana keessatti qofaatti baanee turra jedhan. Lamaan keenya haala gaarii irra hojii gara fuula duraa hojjechuuf turre yeroo biraatti dabarsina jedhan. Matinuun keessaan nageenyi keessan akka eegamu mirkaneeffadhaa jechuu dhaan martinuu keenya kana keessa waliin darbina jedhan.

Angawaan White House akka jedhanitti qopheen siyaasaa kan Tramp fuula duratti geggeesamuuf ture martinuu akka haqamu ajajameera.

XS
SM
MD
LG