Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kitaabni Seenaa Wallistoota Oromoo Wareegamaniitti Fuuleffatee Barreeffame Maxxansame  


Kitaabni seenaa weellistoota Oromoo wareegaman jahaatti xiyyeeffate, kan “Oolmaa” jedhamu, barattoota Yunivarsiitii Jimmaa lamaan barreeffamee dhiheenya maxxanfame.

Diinayaas Warquu fi Hacaaluu Dhugaasaa kitaaba seenaa Hacaaluu Hundeessaa, Daadhii Galaan, Usmaayyoo Muusaa, Eebbisaa Addunyaa, Jireenyaa Ayyaanaa fi Yooseef Gammachuutti xiyyeeffate kana maatiilee fi hiriyoota isaanii akkasumas waahillan isaaniirraa qoratanii akka barreessan dubbatu.

Kitaaba kana kan gulaale, gaazexessaa Kabbabaw Itichaa immoo maqaan kitaabichaa “Oolmaa” jedhame oolmaa weellistootni wareegaman kunneen Uummata Oromootiif oolan irraa ka madde, jedha.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Kitaabni Seenaa Wallistoota Oromoo Wareegamaniitti Fuuleffatee Barreeffame Maxxansame
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:30 0:00


Yaadawwan Ilaali (12)

XS
SM
MD
LG