Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ispeen Keessatti Faca'insi Vaayrasii Koronaa Akka Haaratti Debi'e


Mootummaan Ispeen faca’inni vaayiresii koronaa haaraan waan ka’eef jecha Madrid keessatti uggura sochii haaraa murtaa’e baasee jira. Jiraattonni magaalaa galma mootummaa biyyattii kanneen miliyoona 3 ta’an hojii, mana barnootaa, gabaa ykn mana yaalaaf yoo ta’e malee manaa akka ba’an hin eeyamamuuf. Manneen bunaa fi manneen nyaataa sa’aatii duraan cufaman dursanii akka cufamanii fi lakkoobsa namoota keessummeessaniis dhibba irraa harka 50n akka gad xiqqaatu dirqisiisamaniiru. Uggurri haaraan kun muummicha miinisteeraa pedroo Saancheezii fi hoogganoota naannolee Ispeen ofiin of bulchan adda addaatiin kaleessa raggaasisame. Ministriin eegumsa fayyaa Saalvaadoor Ilaa tuuta oduuf ibsa kennaniin uggurri kun yo xiqqaate bulchiisaawwan magaalaa jiraattota kuma 100 qaban irratti hojii irra oola. Kunis bulchiisaawwan magaalaa naannoo magaalaa galma mootummaa Ispeen jiranis ni dabalata.

Gama biraan daandiin balalii Yunaayitid Isteetis guddicha Amerian fi United, sababaa mootummaa federaalaa biraa gargaarsa yeroo hatattamaa itti dabalaa hin argatiniif jecha hojjettoota isaanii walumaa gala 32,000 ta’an yeroof hojii akka dhaaban kan godhan ta’uu beeksisan. Industriin daandii balalii Yunaaitid Isteetis ku baatii Sadaasaa ennaa weerarri koronaa ka’etti deggersa doolaara biliyoona 25 argatee ture.

Hojii dhaabuun daandiiwwan balalii lamaanii kun kan dhaga’ame torbanuma bakki bashannanaa guddichi Disney-n hojjettoota 28,000 hojii irraa kan ari’tu ta’uu beeksisetti.

Liigiin tapha kubbaa miillaa Ameerikaa kaleessa akka jedhetti sababaa faca’ina COVID-19 irraan kan ka’e tapha dilbata garee Tennessee Titans fi Pittsburgh Steelers gidduu hanga Wixata ykn Kibxata dhuftuutti dheeressee jira.

XS
SM
MD
LG