Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Fedeaalaa Awwaannisa Bira Goree Uummata Tigraay Beelessuu Barbaada: Prezidaantii Mootummaa Naannoo Tigraay 


Prezidaantii naannoo Tigraay Dr. Debretsiyo Gebremikaa’el
Prezidaantii naannoo Tigraay Dr. Debretsiyo Gebremikaa’el

Baatii torbaaf koolejii poolisii Tigraay keessati leenjisamaa kan turan komaandoon addaa naannoo sanaa marsaa lammataaf kaleessa ennaa eebbifamanii jiran.

Komaandoon eebbifame kun rakkoo biyya keessaaf alaa Tigraayi irratti aggaamamu ilaalchisee durse fashaleessu irratti itti gaafatamni dachaan isinitti kennameera jedhan. Tigraayiin jilbeenfachiisuuf yaalii godhamu dura dhaabbachuu qabdu jechuu dhaa kan sirna sana irratti argaman prezidaantiin naannoo Tigraay Dr. Debretsiyo Gebremikaa’el dubbataniiru.

Mootummaan federaalaa uummati Tigraay akka beela’u gochuuf gara awwaannisa goree hojjetaa jira jechuu dhaan prezidaantiin mootummaa naannoo sanaa Dr. Debretsiyoon G/Mikaa’el himatanii jiran. Ijoolleen barattoota Tigraay kaanittii addad baafamanii maaskii akka hin arganne ta’eera jedhan.

Ministriin qonaa federaalaa gama isaan Tigraay akka beela’uuf akka nuti hin hojjenne beekamaa dha jechuu dhaan awwaannisa ittisuu gama ilaaleen hanga guyyaa har’aatti naannoo Tigraay gargaaraa jirra jedhee jira.

XS
SM
MD
LG