Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raayyaan ittisaa Iddoo Hundumaatti Bobba'ee Hojjachuuf Qaamii Isa Ittisuu Hin Jiru: Angawaa Waraanaa


(suuraa faayilii)

Mootummaan Federaalaa Raayyaa Ittisaa Bifa Haaraan Gurmeessuuf Angoo Hin Qabu: Bulchiinsa Tigraay

Ajaja kennamee hatattamaan hojii irra olchuuf akka toluutti waaltaan ajajaa dabalataa lama kan haaraa banamuu ta'u ajajaa humnootii waraanaa kan walii galaa Itiyoophiyaa Jeneraal Adam Mohammad torban dabree ibsanii turan.Kunis bara haaraa seenee kan Itiyoophiyaa 2013 hojii irra oola jedhameera.

Gama kaaniin Bulchiinsii naannoo Tigraay Sambata darbee ibsa baaseen mootummaan Federaalaa amma jiru raayyaa ittisaa akka haaraatti ijaaruuf aangoo hin qabu jechuun mormee jira.

Tigraay waliin wal qabatee jijjiramnis ta'e bobbaafamnii ta'u akkasumas raayyaa waraanaas ta'e meeshaa waraanaa sochoosuun fudhatamaa fi raawwii hin qabu jedhee jira ibsichi.

Raayyaa ittisa biyyaa Federaalaa keessatti humnootii addaa ajajaa kan ta'an meejer Jeneraal Shumaa Abdataa raayyaan ittisaa iddoo hundumaatti bobba'ee hojjachuuf qaamii isa ittisuu hin jiru jechuu isaanii Muluugeetaa Atsebah Maqalee irraa gabaasee jira.

Yaadawwan Ilaali (12)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG