Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsa Naannoo Kibbaa, Sidaamaa fi Amaara Keeessatti Deggeersa Raayyaa Waraanaaf Qaban Ibsanii Jiru


Bulchiinsa naannoo uummattoota Itiyoophiyaa gama kibbaa fi bulchiinsa naannoo Sidaamaa akkasumas magaala Hawaasaa keessatti Raayyaa ittisa biyyaaf deggersa qaban agarsisuuf uummanni ba;e ture.

Itti aanaa bulchaan bulchiinsa naannoo Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaaw kaabinee isaanii wajjiin raayyaa ittisa biyyaaf kabajaa qaban ibsanii jiru.

Bulchaan bulchiinsa naannoo Sidaamaa Dastaa Ledaanoo akkasumas hojjatonni mootummaa naannoo sana keessa jiran deggersaa fi kabajaa raayyaa ittisa biyyaaf qaban ibsanii jiru.

Sirna wal fakkaataa magaala Baahir Daar keessatti gaggeeffameen bulchaa bulchiinsa naannoo Amaaraa kan ta'an Obbo Aganyeehu Tashaagar akka jedhanti injifatamaa jira kan ittiin jedhan gareen ABUT iddoo adda addaatti Amaara irratti qiyyaafatee haleellaa akka hin geesifneef uummanni naannoo isaa eeguu qaba jechuun isaanii gabaafamee jira.

XS
SM
MD
LG