Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raayyaan Ittisa Biyyaa fi Humni Addaa Amaaraa Naannolee To’atan Rayyaa Alammaaxaa Keessa Nageenyi Hangi Tokko Buufachuun Gaaasame 


Raayyaan ittisa biyyaa fi humni addaa naannoo Amaaraa tauu dhaan haleellaa waraanaa gegeessaniin naannolee Waajjaa, Xummuugaa, Alammaaxaa fi naannolee Alammaaxaa to’achuu isaanii sabaa himaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Naannolee Raayyaa Alammaaxaa to’annaa jala oolan keessaa namoonni raayyaa ittisa biyyaa waliin galuuf carraa argatan VOAf ennaa ibsan uummanni naannoo raayyaan ittisa biyyaa gamas ennaa seenu simannaa ho’aa godheef jedhan.

Dargaggoonni naanoo humnootii nagaa eegsisan waliin ta’uu dhaan nagaa eegsisaa akka jiran illee jiraattonni naannoo dubbataniiru.

Jiraattonni kun raayyaa ittisaa ni galateeffanna jedhan.

Gama biraan waraana sana duras ta’e sababaa waraana sanaan kanneen qe’ee ofii irraa buqa’anii Walloo kaabaa fi Qobboo qubsuma jiran keessa namoonni jiran gara qe’ee ofiitti deebi’uuf qophee irra jiraachuu dubbi himaan buqqaatota qubsuma Qobboo obbo Solomon Qelemu VOAf ibsaniiru.

Raayyaan ittisa biyyaa Raayyaa fi alammaaxaa utuu hin to’atin dura daraggooni kuma 10 ta’an kannee to’annaa IWEHAT jala turan gara

Yaadawwan Ilaali (8)

XS
SM
MD
LG