Xurree ittiin seenan

Breaking News

IWEHAT Haleellaa Asmaraa Irratti Raawwate Ameerikaan Ni Balaaleffatte 


Asmaraa
Asmaraa

Muummichi ministeeraa Itiyoopiyaa Abiy Ahimed biyyi isaanii kaayyoo hojii naannoo Tigraay keessatti seera eegsisuu ol dandeettii qabdi jedhan. Duulli jirus haala gaariin raawwatamaa jira jechuun tweeter irratti barreessan.

Hoogganaan Itiyoopiyaa kun garuu yaadi isaanii kun Eertraan haleellaa fookkeetii TPLF Asmaraa irratti raawwateef tarii deebii kennuu mala ka jedhu waliin wal qabachuu isaa hin mul’isne.

IWEHATA gama isaan Sadaasa 4 bara 2020 raayyaa ittisa biyyaa irratti haleellaa raawwachuu isaa amanee jira. Dubbi himaan IWEHAT Geetaachoo Reddaa rayyaan ittisa biyyaa isaaniif sodaa ture jedhan.

Yunaayitid Isteetis gama isheen haleellaa IWEHAT Eertraa irratti raawwatte balaaleffattee jirti. Miinistrii dhimma alaatti itti aanaa ministrii dhimmootii Afriikaa kan ta’an ambaasaadder Tiboor Naaz ergaa twitter barreessaniin Yunaayitid Isteetis haleellaa fudhatama hin qabne kan IWEHAT Eertraa irratti raawwatteef walitti bu’iinsa sanas bifa sadarkaa addunyaa qabsiisuuf yaalii gootu jedhan balaaleffataniiru.

XS
SM
MD
LG