Xurree ittiin seenan

Breaking News

Benishaangul Gumuz, Aanaa Dibaaxii Keessatti Namoota Nagaa Heuduutu Hidhattootaan Ajjeesame  


Naannoo Benishaangul Gumuz Godina Matakkal aanaa Dibaaxiitti, Sanbata darbe humnootni hidhatan namoota nagaa ajjeesuu isaanii Mootummaan naannichaa beeksisee jira.

Itti gaafatamaan Waajjira Komunikeeshinii Naannoo Benishaangul Gumuz Obbo Mallasaa Bayyana, Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin, “Qaamotni haleellaa kana raawwatan, miseensota Sochii Diimookiraatawaa Uummatoota Gumuz, kan HIWEHAT irraa ergama badii fudhatani” jedhaniiru.

Namoota haleellaa kanaa booda qe’ee ofirraa buqqa’an akka gargaaruuf jiru Waajjirri Hooggansa Sodaa Balaa Naannoo Benishaangul Gumuz ibsee jira. Dhaabbatni Mirga Namummaa Itoophiyaa, gama isaatiin “Nagaa fi tasgabbii Benishaangul Gumuz cimsuuf murtii hatattamaa barbaada,” jechuun ibsa baase.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Benishaangul Gumuz, Aanaa Dibaaxii Keessatti Namoota Nagaa Heuduutu Hidhattootaan Ajjeesame
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:01 0:00


XS
SM
MD
LG