Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xayyaarri Waraanaa Har’a Maqalee Haleeluun Gabaasame 


Xayyaarri Waraanaa Har’a Maqalee Haleeluun Gabaasame 
Xayyaarri Waraanaa Har’a Maqalee Haleeluun Gabaasame 

Iwehat raayyaa ittisa biyyaa irratti haleellaa raawwachuu isaa amanuun, tarkaanfii seera eegsisuu fudhataa jirruuf sababa hiru kan mirkaneessu jechuu dhaan mootummaan federaalaa beeksisee jira.

TV naannoo Sanaa irratti dhiyaachuun ibsa kan kennan miseensi gameessi IWEHAT Getaachoo Sekuturee dhaabichi raayyaa ittisa biyyaa zoonii kaabaa irratti haleellaa raawwachuu isaa kan ibsan torbee darbe ture.

Gochi IWEHAT yakka ganiinsa biyyaa ta’uu kan ibsan dubbi himaan mootummaa Itiyoopiyaa Reedwaan Huseen mariin araaraa kamuu akka hin barbaachisne dubbataniiru.

Itti aanaa muummichi ministeeraa fi ministriin dhimmi alaa Demmeqee Mekonnin dawwannaa isaan Ugaandaa fi biyyoota naannoo ka biroo keessatti geggeessaa jiran ejjennoo wal fakkaatu ibsuu irratti kan fuuleffate ta’uu ambaasaadder Reedwaan ibsaniiru. Jechuun Iskinder frew gabaaseera.

Guyyaa har’aa magaalaa Meqelee keessatti ganama sa’a shan ruubii hir’uu haleellaan xayyaaraa waraanaa geggeessamee jira. Haleellaan sun magaalattii gama bahatti kan geggeessame yoo ta’u staadiyoomii ballolii jedhamu cinatti geggeessamuu isaa odu gabaasaan VOA mulugeta Atsbeha arguu isaa gabaaseera.

Naannoo sanatti aaraa fi awwaarri guddaan samiitti ka’uu isaa illee tuqee jira. Naannoo haleellaan kun itti raawwatame dhaquun akkan argetti jedha Mulugeetaan, sababaa haleellaa sanaan boollawwan uumaman arguu isaa ibsee jira.

Jiraattonni naannoo akka dubbatanitti haleellaa sanaan namni tokko miidhaan irra ga’ee jira. Mootummaan naannoo Sanaa immoo magaalaa Meqelee haleellaan samii irratti namoota nagaa irratti raawwatamuu isaa malee ibsa bal’aa hin kennine.

Naannoo Sanaa mana sagadaa Qiddus Giyoorgis manni barattoonni mana barnootaa Felege Hiwot keessa jiraatan hangi tokko diigameera. Akkasumas manneen jireenyaa jiraattota naannoo dho’iinsa sanaan miidhamuu isaa arguu dubbata Mulugeetaan.

Hoogganaan mootummaa naannoo Tigraay Dr. Debretsiyoon Gebremikaa’el kaleessa ibsa hawaasa addunyaaf kennaniin naannoo Tigraay irratti warreen Afriikaa kan hin qabaanne meeshaa waraanaa dabalatee haleellaan xayyaara nam maleeyyii uummata irratti raawwatamaa jira jechuun himataniiru. Kanas hawaasi addunyaa balaaleffachuu qaba jedhan.

Uummanni Tigraay raayyaa ittisa biyyaa Itiyoopiyaa fi Eertraaa akkasumas humna addaa naannoo Amaaraa, itti dabalees qaamotii Afriikaa irraa hin taaneen haleellaa qindaa’etu irratti raawwatamaa jira jechuun ibsaniiru. Afriikaa kan hin taane ennaa jedhan garuu biyya isa kamiin akka ta’e hin ibsine.

Gama biraan magaalaa Meqelee keessatti tajaajilli baankii eegalee jira. Tajaajilli bilbilaa fi Interneetii garuu hanga yoonaa hin jalqabamne. Jiraattonni maatiiwwan isaanii bakka biroo jiraatan argachuuf rakkataa jiran. Tajaajjilli bilbilaa waldaan fannoo diimaa qopheessee waan jiruuf namoonni hedduun toora eeggatanii maatiiwwan isaanii dubbisaa jiran jedha Mulugetaa Atsbehaa Meqelee irraa.

Haleellaa sanaan nama tokko irra miidhaan ga’uu isaaf manneen jireenyaa diigamuu kanneen ijaan argan dubbataniiru.

XS
SM
MD
LG