Xurree ittiin seenan

Breaking News

Poompiyoon Dippiloomaatii Yunaayitid Isteetis Yeroo Duraaf Bakka Qubinsa Yuudotaa Daawwatani


Ministarri Dhimma alaa Yunaayitid Isteetis, Maayik Poompiyoo
Ministarri Dhimma alaa Yunaayitid Isteetis, Maayik Poompiyoo

Ministarri Dhimma alaa Yunaayitid Isteetis, Maayik Poompiyoo, West Baank keessaa bakka qubinsa Yuudotaa daawwachuun, dippiloomaatii Yunaayitid Isteetis yeroo duraaf bakka sana daawwatan ta’anii jiran.

Hawaasni addunyaa irra caalaan, qubinsi Juudotaa West Baank keessaa sun ka seeraa alaa akka tahetti ilaalan. Ministarri Dhimma alaa Yunaayitid Isteetis, Poompiyoon, Heelikooptqaraan bakka wal-falmsiisaa West Baank keessaa sana bu’uudhaan yeroo gabaabaaf daawwatan Kana malees Goolaan daawwachuun isaanii beekamee jira.

Gaareen Goolaan daawwachuun koos, lafti kun kan Israa’el tahuu isaa hubachuun murii Prezidaant Traamp ammaan duraa ka ka’e. Dhugaa jiruuf beekamtii kennuu dha, jedhan Poompiyoon.

Muummichi ministaraa Israa’el Beenjaamiin Netaanyaawuus kanaaf Prezidaant Traampiin galateeffatanii jiran.

XS
SM
MD
LG