Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaan Filannoof Qophaa’aa Ennaa Jirtutti Koree Adeemsa Filannoo Filachuun Falmisiisaa Ta’ee Jira 


Pirezdaantii Somaaliyaa
Pirezdaantii Somaaliyaa
kaadhimamtoonni dorgommii prezidaantummaa kan garee mormituu Somaaliyaa angawoonni ni loogu jedhanii himatanis, biyyattiin filannoo dhufu keessatti falmii geggeessamu akka hooggananiif angawoota leenjisuu jalqabdeetti. Momitoonni akka jedhanitti mootummaan koree falmii sana hoogganu garee prezidaant Mohammed Abdullaahii Farmaajoo deggeru filate.

Kaadhimamtoonni prezidaantummaa kudha lamaa fi paartiileen isaanii Moqaadishoo keessatti marii geggeessaa kan jiran yoo ta’u, dhimmi tokkummaa fi akkaataa filannoo sirriin itti geggeessamuu danda’u ilaalchisee dhiibbaa gochaa jiran. Kanneen wal ga’ii sana irratti hirmaatan keessaa gokko Kaadhimamtoota prezidaantummaa kan ta’an Abdirramaan Abdishakur tokko.

Filannoon kun keessumaa biyya akka Somaaliyaa balaaf saaxilameef rakkisaa waan ta’eef jecha dhimma kana irratti mari’achuuf wal geenye. Guyyoota sadan darban hawaasa waliin wal arginee jirra. Jaarsolii gosootaa, hawaasa sivilii, uummataa fi daldaltoota akkasumas dargaggoota waliin mari’annee jirra. Akkaataa qabiinsa filannoo ilaalchisee qaama dhimmi ilaallatu waliin yoo walii hin galin, daafoo inni qabaatu fi yaaddoo keenya ibsuuf yaalaa jirra jedhan.

Somaaliyaan Filannoof Qophaa’aa Ennaa Jirtutti Koree Adeemsa Filannoo Filachuun Falmisiisaa Ta’ee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:04 0:00


XS
SM
MD
LG