Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Yunaayitid Isteetis Yeroo Ayyaana Waggaa Bakka Tokkotti Walitti Qabamuun COVID-19n Hammeessa Jechuun Akeekkachiise 


Kan prezidaantummaa Ameerikaaf filataman Joo Baayiden dhimma weerara vaayiresii koronaa fi yeroo ayyaana waggaa ilaalchisee roobii har’aa haasaa dhageessisuuf jiru.

Haasaan iisaanii kun ayyaanni guyyaa galataa Yunaayitid Isteetis kan lammiiwwan Ameerikaa maatii waliin dabarsuuf wal ga’anii fi hedduun immoo maatii ofii bira dhaqqabuuf imaltuuf daandii irra jiranitti. Garuu waggaa kana daariqi ykn infekshniin COVID-19 biyyattii guutummaa keessatti hammaachuun kan ka’e mootummaan federaalaa uummati akka manaa hin bane waamicha dabarsee jira.

Waajjiirri yeroo ce’umsaa Baayiden Lammiiwwan Ameerikaa ennaa ayyaana waggaa kana waliin ta’uun wareegama isaan baasaa jiran akkasumas rakkoo yeroo ammaa waliin ta’uun dabarsuu dandeenya kan jedhu irratti kan mari’atan ta’uu waajjirri yeroo ce’umsaa Baayiden

Kibxata kaleessaa Baayiden Yunaayitid Isteetis addunyaa irraa fagaachuu utuu hin taane addunyaa hoogganuuf qoophoofteett jechuu dhaan waggoottan arfan darbe kan aangoo gad dhiisaa jiran prezidaant Doonaald Traamp Ameerikaa dursina kan jedhu dhaadannoo isaaniitti kan quba qabu fakkaata. Amajjii 20 aangoo qabachuuf qophaa’aa ennaa jiranitti Baayiden biyyattiin diinota ishee dura dhaabbachuuf qophee dha malee michoota ishee ofi irraa fageessuuf miti jedhan. Safuu keenyaafis dhaabachuuf qophee dha jedhan. Waaltaa yeroo ce’umsa isaanii magaalaa jiraatan Wilmington Delweer irraa kan prezidentummaaf filataman Baayiden imaammata alaa ijoo fi angawoota nageenya biyyoolessaa ofii beeksisaniiru.

Kanneen kun jedhan Baayiden Ameerikaan michoota ishee waliin ennaa hojjetu cimtuu taati kan jedhu amantii koo ijoo mul’isa jedhan. Akkaataa kanaani walitti bu’iinsa waraanaa hin barbaachisne keessa utuu hin seenin dhugaatti nageenya Ameerikaa eegnee, diinota keenya dura dhaabannee shorokeessota danquu kan dandeenyu.

Bulchiinsa Tramp jalatti Yunaayitid Isteetis michoota ishee yeroo dheeraa irraa of fageessitee abboota irree kan akka hoogganaa Raashiyaa Prezidaant Vilaadimir Putin, kan Turkii prezidaant Recep Tayyip Erdogaanii fi hoogganaa kooryaa kaabaa Kim Jong Un waliin walitti siqeenya uummatte jedhan.

Baayiden akka jedhanitti Ameerikaan kan hooggantu fakkeenya humna nuti qabnu qofaa utuu hin taane humna fakkeenya ta’uun keenya qabuuunisi jedhan.

Angawoonni isaan muudan Waan bade suphuu qofa utuu hin taane dhaloota dhufuuf imaammata alaa Ameerikaa fi nageenya biyyoolessaaf waan beekuu barbaannu qofa utuu hin taane kan nuti beekuu qabnu nutti himu jedhan.

Tramp amma iyyuu injifannoo filannoo Baayiden kan Sadaasa sadii falmuu itti fufanii jiru. Wixata galgala bulchiinsi isaanii Baayiden hojii akka itti fufaniif daandii saaqanii jiru, garuu injifatamuu isaanii hin amanne.

XS
SM
MD
LG