Xurree ittiin seenan

Breaking News

Loltoonni Raayyaa Itisaa Itiyoophiyaa To'annaa 'HIWEHAT’ Jala Turan Kuma Tokkoo Ool Naannoo Amaaraatti Deebi'uun Himame


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

To’annaa ‘HIWEHAT’ jala turan kanneen jedhaman – loltoonni Raayyaa Itisaa Itiyoophiyaa kuma tokkoo fi dhibba tokkoo ol tahan, naannoo Amaaraa, godinaa bulchiisa sab-lammii Waag Haamiraa seenuu isaanii, hoogganaan waajira dhimmoota Koomiyunikeeshinii godinichaa beeksisanii jiran.

Hoogganaan waajiricha – Obbo Phaawuloos Belaay akka jedhanitti, Raayyaa Ittisaa, Ajaja Kaabaa, kutaa waraanaa keessa kanneen turan – loltoonni kun, bosanaa fi lageen qaxxaamuranii magaalaa Saqoxaa seenan.

Miseensota Raayyaa ittisaa kana keessa kanneen dheebuu bishaaniin miidhaman, kanneen waraasa keessatti madaawanii fi dadhaban akka keessa jiranillee – VOAtti dubbatan, Obbo Phaawuloos.

Hawaasni naannoo fi caasaan mootummaa, loltoota godinaa Waag Haamiraa dhaqqaban kana simatan, jechuu isaaniis – Mesfin Arraagee, Desee irraa gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG