Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaan Himata Somaaliyaa Haalte


Keeniyaan himata mootummaan Somaaliyaa irratti dhiyeesse haaltee jirti. Mootummaan Keeniyaa Somaaliyaan filannoo biyyaalessaa dhufaa jiru keessa harka galfachuu yaalaa jirtii jechuun himati inni dhiyeessi dhugaarraa ka fagaatee jedhe.

Daangaa handaara galoo galaanaarratti mana murtii wal dhaabanii ka jiran Keeniyaafi Somaaliyaan amma mmoo dhimmi keessoo walii keessa seenuurratti wal himataa jiru.

Keeniyaan Himata Somaaliyaa Haalte
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:11 0:00

Somaaliyaan kaleessa Keeniyaan dhimmi keessoo kiyya keessa harka seensifataa jirtii jechuun Ambaasaaddera Keeniyaa Mooqadiishoo yoo ariitu, Ambaasaaddera Somaaliyaa Naayroobiin jirus, haga wal dhibdeen kun furamutti biyyatti akka deebiyu ajajjee jirti.

Ministeerri Dhimma Alaa Keeniyaa ‘tarkaanfii’ Mooqadishoon fudhatte quba hin qabu jedha. Waajjirri ministeeraa Keeniyaa kun, oduu kana saba himaalee rraa male, barreeffama ykn karaa toora diploomasiin waanti nu dhaqqabe hin jiruu jedhe. Haa ta’uyyuu male Keeniyaan waan dhimma keessoo biyya kamuu keessa hin seentu, tarkaanfiin Somaaliyaan fudhattes ‘ka nama gaddisiisu’ jechaan ibse.

Himati Somaaliyaan Keeniyaa irratti dhiyeeffataa jirtu, waan Jubaa Laandi ilaallata. Somaaliyaan biyyi ollaashee keeniyaan gaggeessitoonni bulchiinsa Jubaa Laandi filannoo biyyaalessaa Somaaliyaa dhufurratti akka hin hirmaanne dhorkaa akka jirtu odeeffannoo qaba jechuun himatte.

Waajjirri Dhimma Alaa Keeniyaa garuu himata kana ammas haalee jira. Ibsa kaleessa galgala baaseen, Keeniyaan walii galtee Mootummaan jiddu galeessaa Somaaliyaa fi Kutaaleen Bulchiinsaa Somaaliyaa walii galan ni deeggartii erga jedheen boodaa, ‘walii galtee kanaaf bitamuun garuu gahee warra gaggeessitoota siyaasaati’ jedhe.

Keeniyaan biyyoota Somaaliyaa keessatti nageenyi bu’uuf hojjetaa jiran keessaa tokko ta’uu eeree, Mootummaan jiddu galeessaa Somaaliyaa fi Kutaaleen Bulchiinsaa Somaaliyaa filannoon biyyattii dhufu kun naga qabeessa akka ta’uuf maree akka gaggeessanis gaafatee jira.

Filannoon Bakka buutota Paarlamaa Somaaliyaa harraa kaasee haga mudde 27, ka gaggeeffamu yoo tahu, Filannoon Prezdentii Somaaliyaa garuu gaafa Gurraandhala 1, bara 2021 akka gaggeeffamu bulchiinsi Prezdenti Faarmaajoo ibseera.

XS
SM
MD
LG