Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muddee 1 - Giyyaa Eedsii Addunyaa 


Waggaa 4 dura mootummonni addunyaa weerara dhukkuba Eedisii tti xumuura gochuuf waan sadii karoorfatanii turan.

Kunis,1ffaa kanneen vaayrasii HIV waliin jiraatan baruuf qorannaa 100 keessaa harka 90 gaggeessuu. 2ffaa kanneen vaayrasii HIV waliin jiraatan 100 keessaa harkii 90n dawaa akka argatan gochuu 3ffaan faca'iina vaayrasichaa 100 keessaa harka 90n hanqiisuu kan jedhu ture.

Addunyaan waggoota darban kudhaniif dawaa dhukkuba Eedsii ittisuu argataa jira.Dawaaleen farra Eedsii kun namoonni vaayrasii HIV waliin jiraatan dhukkubicha nama biraatti akka hin dabarsineef sadarkaa ittisuu irra ga'e jira.

Kan waggaa soddomaaf waa'ee HIV/AIDS qorataa turan profeessarri Yunivarsitii Jaan Haapkiins Kris Beeyreer akka jedhanti barrii keessa jirru 2020nii namoota vaayrasii kanaan qabaman harka caalaa kan itti hanqiifnu ture.Addunyaa irratti bara 2019 keessa namoota vaayrasii HIV waliin jiraatan Miliyoona 1.7 qabna turre.Lakkoobsa kana gara walakkaa Miliyoonaa ykn 500.000 gad buusuuf karoora qabannee garu amma iyyu irraa fagoo jirra jedhu.

Gabaasa guutuu caqasaa.

Muddee 1 - Giyyaa Eedsii Addunyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:04 0:00


XS
SM
MD
LG