Xurree ittiin seenan

Breaking News

Vaayiresiin Koronaa Yunaayitid Isteetis Keessatti Heddummaataa Adeemuun Angawoonni Uggura Sochii Haaraa Akka Labsan Dirqisiise 


Dr. Antonii Faawuchii
Dr. Antonii Faawuchii

Yunaayitid Isteetis ayyaanni waggaa guyyaa galataa lakkoobsa namoota COVID-19 qabaman akka dabaluuf gabaasa jedhu simattee jirti.

Lammiiwwan Ameerikaa hedduun ayyaana guyyaa galataa kamisa darbe kabajame maatii ofii waliin turanii torban kana hojiitti deebi’aniiru. Namoonni hedduun ayyaana waggaa kanaaf manuma ofii keessa turuu kan filatan yoo ta’u, kaan immoo imaltuu dhaquu dhaan firoottan isaanii waliin dabarsaniiru.

Angawoonni eegumsa fayyaa fi hoogganoonni biyya hoogganuuf filataman tamsa’inni vaayiresii koronaa hammaachuu mala jechuun yaaddoo qaban ibsanii jiru.Ameerikaa keessaa baatii Sadaasaa keessa namoonni miliyoona 4 ol vaayiresii kanaan yoo qabaman kunis kan baatii Onkoloolessaa irra dacha dabale.

Haala amma jiruun weerarri guddaan dabalamuu mala jechuu dhaan waaltaa dhukkuboota alarjii fi daarqiqaa biyyoolessaaf daayirikdtera kan ta’an Dr. Antonii Faawuchii ibsaniiru.

Vaayiresiin Koronaa Yunaayitid Isteetis Keessatti Heddummaataa Adeemuun Angawoonni Uggura Sochii Haaraa Akka Labsan Dirqisiise
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:12 0:00


XS
SM
MD
LG