Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iraan Ajeechaa Hayyuu Saaynsii Nukleeraaf Haaloo Ba'uuf Dhaadattee Jirti


Hayyuun saayinsii Nukleeraa kan Iraan Mohseen Faakriizadeh jimaata darbee waan ajjeefamaniif jecha Iraan haaloo ba'uuf kan jirtu ta'u beeksiifte.Ajjechaa kanaaf prezidaantichi Iraanis ta'e hogganoonni biyyatii Israa'eeliin komatan.

Garu Diploomaatootaa fi xiinxaltonni hangi tokko akka jedhanti ajjeechaa kanaaf Iraan haatattamaan tarkaanfii fudhatti jedhanii hin yaadan.

Hayyoon Saayinsii ajjeefaman kun umriin isaanii 59 yoo ta'u Abbaa Nukleera Iraan jedhamuun beekamu.

Gameessi waraana biyyatti waggaa kana keessa ennaa ajjeefamuu kun lammaffaa dha.

XS
SM
MD
LG